Music Video

Featured In

Credits

AUSFÜHRENDE KÜNSTLER:INNEN
Nigusuu Taammiraat
Nigusuu Taammiraat
Künstler:in
KOMPOSITION UND LIEDTEXT
Danial Tamere Tekle
Danial Tamere Tekle
Songwriter:in

Lyrics

Bishaan Addis Ababaa ol xuruuramoo
Gad xuruura inni
Bishaan Addis Ababaa ol xuruuramoo
Gad xuruura inni xuxxuxii na dhungadhu
Durattoo maqaa nurra tuulani
As kottuu asiin jira
Qallayyoo mudhii foo'a miigiraa
Cilaaloo gubbaa ba'ee
Qamadii Boqojjii
Gadi ilaalaa
Cilaaloo gubbaa ba'ee
Qamadii Boqojjii
Gadi ilaalaa
Dafeen, dhufa
Yaa intaalaa
Wal irraa fagaannaan
Wal wallaalla
As kottuu asiin jira
Arsii Asallaa walakkaan jira
Bishaan Shaggarii gubbaa
Irra taa'aani kuula maranii
Bishaan Shaggarii gubbaa
Irra taa'aani kuula maranii
Magaallee biyya tiyyaa
Hin jarjarani suuta barani
As kottuu asiin jira
Jimma Abbaa Jifaar walakkaan jira
Bishaan Awaash guutuudha
Maaltu hira'atee daaki naan jedhaa
Bishaan Awaash guutuudha
Maaltu hira'atee daaki naan jedhaa
Biyya alagaan jira
Enyutu beeloftee nyaadhu naan jedha
As kottu asiin jira Harargee
Dirree walakkaan jira
Kaleessa manni gubatee
Utuubaa warqee shantu gubatee
Kaleessa manni gubatee
Utuubaa warqee shantu gubatee
Anaan maal godhi jetta
Tan sirra bareeddu na fudhate
As kottun asiin jira
Harargee Habroo walakkaan jira
Bishaan Waabe Sabaalee
Nan daaka moo milla kootin kutuu
Bishaan Waabe Sabaalee
Nan daaka moo milla kootin kutuu
Farda keettin gulufattee
Maa dhuftee Ijakeetin naa hin mil'attu
As kottu assin jira Baalee Gobbaa
Roobee walakkaan jira
As kottuu asiin jira
Qallayyoo mudhii foo'a miigiraa
As kottuu asiin jira
Arsii Asallaa walakkaan jira
As kottu assin jira Baalee Gobbaa
Roobee walakkaan jira
Written by: Danial Tamere Tekle
instagramSharePathic_arrow_out